19
Eeliyaas Gara Kooreebitti Baqate
1 Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime. 2 Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, “Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jetteen.
3 Eeliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee 4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, “Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii” jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.
Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, “Kaʼii waa nyaadhu” jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
7 Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, “Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii” jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme. 9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule.
Waaqayyo Eeliyaasitti Mulʼate
Dubbiin Waaqayyoos gara isaa dhufee, “Eeliyaas, ati maal asii hojjetta?” jedheen.
10 Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
11 Waaqayyos, “Gadi baʼiitii fuula Waaqayyoo dura tulluu irra dhaabadhu; Waaqayyo achiin darbuuf jiraatii” jedheen.
Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Waaqayyoo duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Waaqayyo garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Waaqayyo garuu sochii lafaa sana keessa hin turre. 12 Sochii lafaa booddee ibiddi ni dhufe; Waaqayyo garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booddee immoo hasaasa xinnaa tokkotu ture. 13 Eeliyaas yommuu waan kana dhagaʼetti uffata ofii isaa fuulatti haguuggatee gara afaan holqa sanaatti hiiqee dhaabate.
Sagaleen tokkos, “Eeliyaas ati maal asii hojjetta?” jedheen.
14 Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee, iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
15 Waaqayyo garuu akkana jedhee deebiseef; “Karuma dhufte sanaan deebiʼiitii Gammoojjii Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessutti Hazaaʼeelin dibiitii Sooriyaa irratti mootii godhi. 16 Yehuu ilma Nimshiis akkasuma dibiitii mootii Israaʼel godhi; Elsaaʼi ilma Shaafaaxi kan warra Abeel Mehoolaa sana immoo akka inni raajii taʼee iddoo kee buʼuuf muudi. 17 Yehuun nama baqatee goraadee Hazaaʼeel jalaa baʼu hunda ni ajjeesa; Elsaaʼis nama baqatee goraadee Yehuu jalaa baʼu hunda ni ajjeesa. 18 Taʼus ani nama kuma torba kanneen Israaʼel keessatti hambifadhe, warra jilbi isaanii Baʼaaliif hin jilbeenfatin, warra afaan isaaniis isa hin dhungatin qaba.”
Waamamuu Elsaaʼi
19 Kanaafuu Eeliyaas achii baʼee Elsaaʼi ilma Shaafaaxi argate. Elsaaʼi yeroo sanatti qotiyyoo cimdii kudha lamaatiin lafa qotiisaa qotaa ture; inni mataan isaa immoo cimdii kudha lammaffaa qabatee ture. Eeliyaas gara isaa dhaqee kaabbaa ofii isaa isa irra buuse. 20 Elsaaʼis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Eeliyaas duukaa fiigee, “Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa” jedhe.
Eeliyaas immoo, “Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?” jedhee deebiseef.
21 Kanaafuu Elsaaʼi isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Eeliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.