33
Hisqiʼeel Eegduu Taʼe
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Yeroo ani biyya tokkotti goraadee fidutti, sabni biyya sanaa namoota isaa keessaa nama tokko filatee eegduu isa godhatee, eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti, yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture. Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’
“Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni. Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada. Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta.
10 “Yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin akkana jettu: “Yakkii fi cubbuun keenya nutti ulfaateera; nuus sababii kanaaf nyaatamnee dhumne. Yoos akkamiin jiraachuu dandeenya ree?” ’ 11 Akkana isaaniin jedhi; ‘Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, ani akka namoonni hamoon karaa isaanii irraa deebiʼanii jiraatan malee duʼa isaaniitti hin gammadu, jedha Waaqayyo Gooftaan. Deebiʼaa! Karaa keessan hamaa sana irraa deebiʼaa! Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?’
12 “Kanaafuu yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitiin akkana jedhi; ‘Qajeelummaan nama qajeelaa yommuu inni ajajamuu didutti isa hin baasu; hamminni nama hamaas yommuu inni hammina isaa irraa deebiʼutti isa hin balleessu. Namni qajeelaan yoo cubbuu hojjete sababii qajeelummaa isaa duraatiif lubbuudhaan hin jiraatu.’ 13 Yoo ani nama qajeelaa tokko akka inni dhugumaan jiraatu itti himee, inni garuu qajeelummaa isaa amanatee cubbuu hojjete, waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu hin yaadatamu; inni cubbuu hojjete sanaan ni duʼa. 14 Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis, 15 inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. 16 Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
17 “Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti. 18 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa. 19 Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata. 20 Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.”
Kufaatiin Yerusaalem Ibsame
21 Waggaa kudha lammaffaa boojiʼamuu keenyaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, bultii shanaffaatti, namichi Yerusaalemii baqatee baʼe tokko gara koo dhufee, “Magaalattiin kufteerti!” jedhe. 22 Galgala dhufaatii namichaatiin duraa sana harki Waaqayyoo narra ture; utuu namichi ganamaan gara koo hin dhufinis Waaqni afaan koo bane. Afaan koo banameeraatii ani lammata hin calʼisne.
23 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 24 “Yaa ilma namaa, namoonni diigama biyya Israaʼel keessa jiru keessa jiraatan akkana jedhu; ‘Abrahaam namuma tokko ture; taʼus inni biyyattii dhaale. Nu garuu baayʼee dha; biyyattiinis dhugumaan akka nu dhaalluuf nuu kennamteerti.’ 25 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin foon utuma dhiigni keessa jiruu nyaattu; waaqota keessan tolfamoo abdattu; dhiiga namaas dhangalaaftu; yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu? 26 Isin goraadee keessan abdattu; waan jibbisiisaa hojjettu; tokkoon tokkoon keessan niitii ollaa keessanii xureessitu. Yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?’
27 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, warri diigama keessatti hafan goraadeedhaan dhumu; warra baadiyyaa keessa jiran akka isaan nyaatamaniif bineensatti dabarsee nan kenna; warri daʼannoo fi holqa keessa jiraatan immoo dhaʼichaan ni dhumu. 28 Ani biyyattii onsee duwwaa nan hambisa; humni isheen ittiin of jajjus ni dhuma; gaarran Israaʼelis akka namni tokko iyyuu irra hin qaxxaamurreef qullaa hafu. 29 Yeroo ani sababii wantoota jibbisiisoo isaan hojjetan hundaatiif biyyattii onsee duwwaa hambisutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
30 “Waaʼee kee immoo yaa ilma namaa, namoonni biyya keetii keenyan manaa birattii fi balbala duratti waaʼee kee dubbachaa, ‘Kottaa dhaqnee ergaa Waaqayyo biraa dhufe dhageenyaa’ waliin jedhu. 31 Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba. 32 Dhugumaan ati isaaniif nama sagalee gaariidhaan sirba jaalalaa sirbee meeshaa sirbaa taphatu irra hin jirtuutii; isaan dubbii kee ni dhagaʼu malee hojiidhaan hin argisiisaniitii.
33 “Yeroo wanni kun taʼutti, dhugumaan ni taʼaatii isaan gaafas akka raajiin gidduu isaanii ture ni beeku.”