17
Kakuu Dhagna qabaa
1 Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti Waaqayyo isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin. 2 Ani kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba; guddaas sin baayʼisa.”
3 Abraamis adda isaatiin lafatti gombifame; Waaqnis akkana isaan jedhe; 4 “Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata. 5 Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa. 6 Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu. 7 Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba. 8 Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Waaqa isaanii nan taʼa.”
9 Waaqni Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati immoo kakuu koo eeguu qabda; ati, sanyiin kee warri si duubaas dhaloota isaanii keessatti kakuu koo eeguu qabdu. 10 Kakuun koo kan isin anaa fi siʼi gidduutti, sanyii kee kan siʼi duubaan dhufu gidduuttis eeguu qabdan kanaa dha; innis isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabatu. 11 Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa. 12 Isin keessaa dhiirri guyyaa saddeet guute dhagna haa qabatu; dhaloota keessan hunda keessatti dhiirri mana keetti dhalate yookaan kan nama biyya ormaa irraa maallaqa keetiin bitame hundi kan sanyii kee hin taʼin dhagna haa qabatu. 13 Mana keetti dhalatanis yookaan maallaqa keetiin bitamanis isaan dhagna haa qabatan. Kakuun koo kan foon keessan irratti godhame kun kakuu bara baraa taʼa. 14 Dhiirri dhagna hin qabatin, kan qola foon isaa dhagna hin qabatin kam iyyuu saba ofii isaa keessaa balleeffama; inni kakuu koo cabseeraatii.”
15 Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa. 16 Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu.”
17 Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade. 18 Abrahaamis Waaqaan, “Maaloo utuu Ishmaaʼeel fuula kee dura naa jiraatee!” jedhe.
19 Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba. 20 Waaʼee Ishmaaʼeel immoo ani si dhagaʼeera; kunoo ani, isa nan eebbisa; akka inni baayʼatu nan godha; guddaa isa nan baayʼisa. Inni abbaa bulchitoota kudha lamaa taʼa; anis saba guddaa isa nan godha. 21 Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.” 22 Waaqni erga Abrahaam wajjin haasaʼee fixatee booddee isa biraa ol baʼe.
23 Abrahaamis guyyuma sana ilmaan isaa Ishmaaʼeelii fi warra mana isaatti dhalatan yookaan warra maallaqa isaatiin bitaman hunda, dhiira mana isaa hundumaas fuudhee akkuma Waaqni isatti himetti dhagna qabe. 24 Abrahaam yeroo dhagna qabatetti nama waggaa sagaltamii sagalii ture. 25 Ilmi isaa Ishmaaʼeel immoo yeroo dhagna qabatetti nama waggaa kudha sadii ture. 26 Abrahaamii fi ilmi isaa Ishmaaʼeel guyyuma sana dhagna qabatan. 27 Dhiirri mana Abrahaam hundinuu, warri mana isaatti dhalatan yookaan warri orma irraa maallaqaan bitamanis isa wajjin dhagna qabatan.