21
Deebii Zedeqiyaaf Kenname
Yeroo Zedeqiyaa Mootichi Phaashihuur ilma Malkiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaasitti ergetti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Jarri ergamanis akkana jedhan; “Sababii Nebukadnezar mootichi Baabilon nu waraanaa jiruuf Waaqayyoon nuu gaafadhu. Tarii Waaqayyo akkuma duraan godhe sana hojiiwwan dinqii nuuf hojjetee akka mootichi nurraa deebiʼu ni godha taʼaatii.”
Ermiyaas garuu akkana isaaniin jedhe; “Zedeqiyaadhaan akkana jedhaa; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani miʼoota waraanaa harka keessan jiran, kanneen isin ittiin mootii Baabilonii fi Baabilonota isin marsanii dallaan ala jiran loluuf itti fayyadamtan kana isinitti nan garagalcha. Anis magaalaa kana keessatti isaan walitti nan qaba. Ani mataan koo harka diriirfamee fi irree jabaadhaan, aarii bobaʼuu fi dheekkamsa guddaadhaan waraana isinitti nan bana. Ani waan magaalaa kana keessa jiraatu jechuunis namaa fi horii nan dhaʼa; isaanis dhaʼicha hamaadhaan dhumu. Anis ergasii, jedha Waaqayyo, Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi jiraattota magaalaa kanaa kanneen dhaʼicha jalaa, goraadee fi beela jalaa baʼan Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi diinota isaanii kanneen lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna. Mootichis goraadeedhaan isaan fixa; inni isaaniif hin hilu yookaan hin naʼuuf yookaan garaa hin laafuuf.’
“Amma illee akkana jedhii saba kanatti himi; Waaqayyo akkana jedha: ‘kunoo, ani karaa jireenyaatii fi karaa duʼaa fuula keessan dura nan kaaʼa. Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeedhaan, beelaan yookaan dhaʼichaan duʼa. Namni gad baʼee Baabilonota isin marsanii jiranitti harka kennatu kam iyyuu garuu ni jiraata; lubbuu isaas ni oolfata. 10 Ani magaalaa kanaaf waan gaarii gochuuf utuu hin taʼin ishee miidhuuf kutadheera, jedha Waaqayyo. Isheenis dabarfamtee harka mootii Baabilonitti ni kennamti; inni immoo ibiddaan ishee barbadeessa.’
11 “Akkasumas mana mootii Yihuudaatiin akkana jedhi; ‘Isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; 12 Yaa mana Daawit, Waaqayyo akkana jedha:
“ ‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa;
nama saamame tokko
harka nama isa cunqursuutii baasaa;
yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif
dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa;
namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu.
13 Yaa ishee sulula kanaan ol dirree kattaa qabu irra jiraattu,
ani sitti kaʼeen jira, jedha Waaqayyo;
isin warri, “Eenyuttu nutti dhufuu dandaʼa?
Eenyutus daʼannoo keenya seenuu dandaʼa?” jettan,
14 ani akkuma hojii keessaniif malutti isinan adaba,
jedha Waaqayyo.
Ani ibidda waan naannoo keessan jiru hunda barbadeessu
bosona keessanitti nan qabsiisa.’ ”