12
Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibame
12:1‑8 kwi – Mat 26:6‑13; Mar 14:3‑9; Luq 7:37‑39
1 Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe. 2 Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture. 3 Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
4 Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe; 5 “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti* 12:5 Diinaariin dhibba sadii mindaa hojjetaan tokko waggaatti argatuu dha. gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?” 6 Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
7 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa. 8 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
9 Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan. 10 Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan; 11 Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa
12:12‑15 kwf – Mat 21:4‑9; Mar 11:7‑10; Luq 19:35‑38
12 Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. 13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan;
“Hoosaaʼinaa!”† 12:13 Hoosaaʼinaa jechuun afaan Ibraayisxiitiin “Amma fayyisi” jechuu dha; kunis jecha galataa ti.
“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”‡ 12:13 Far 118:25,26
“Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
14 Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
15 “Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin;
kunoo, mootiin kee,
ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.Ӥ 12:15 Zak 9:9
16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
17 Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan. 18 Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan. 19 Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
Yesuus Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate
20 Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan. 21 Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin. 22 Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
23 Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera. 24 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata. 25 Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. 26 Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
27 “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe. 28 Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!”
Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe. 29 Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
30 Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti. 31 Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama. 32 Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.” 33 Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
34 Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos* 12:34 yookaan Masiihichi bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen.
35 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii. 36 Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
Amantii Dhabuu Yihuudootaa
37 Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne. 38 Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan:
“Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?
Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?”† 12:38 Isa 53:1
jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
39 Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
40 “Ija isaaniitiin akka hin argineef,
qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef,
akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef,
inni ija isaanii jaamseeraatii;
garaa isaaniis jabeesseera.”‡ 12:40 Isa 6:10
41 Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
42 Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne; 43 isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
44 Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti. 45 Kan na argus isa na erge sana arga. 46 Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
47 “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii. 48 Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura. 49 Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne. 50 Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”
*12:5 12:5 Diinaariin dhibba sadii mindaa hojjetaan tokko waggaatti argatuu dha.
†12:13 12:13 Hoosaaʼinaa jechuun afaan Ibraayisxiitiin “Amma fayyisi” jechuu dha; kunis jecha galataa ti.
‡12:13 12:13 Far 118:25,26
§12:15 12:15 Zak 9:9
*12:34 12:34 yookaan Masiihichi
†12:38 12:38 Isa 53:1
‡12:40 12:40 Isa 6:10