3
Lallaba Yohannis Cuuphaa
3:2‑10 kwf – Mat 3:1‑10; Mar 1:3‑5
3:16,17 kwf – Mat 3:11,12; Mar 1:7,8
Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan; yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe. Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme. Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha:
“Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo:
‘Karaa Gooftaa qopheessaa;
daandii isaas qajeelchaa.
Sululli hundi ni guutama;
tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu.
Karaan jalʼaan ni qajeela;
daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’ ”* 3:6 Isa 40:3‑5
Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
10 Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
11 Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.
12 Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
13 Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.
14 Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan.
Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen.
15 Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos 3:15 yookaan Masiihicha taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan. 16 Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. 17 Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.” 18 Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.
19 Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate, 20 hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
Cuuphamuu Yesuus
3:21,22 kwf – Mat 3:13‑17; Mar 1:9‑11
3:23‑38 kwf – Mat 1:1‑17
21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee, 22 Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
Hidda Dhaloota Isaa
23 Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture:
 
ilma Eelii, 24 ilma Maataat,
ilma Lewwii, ilma Melkii,
ilma Yaanaa, ilma Yoosef,
25 ilma Maataatiyaas, ilma Amoos,
ilma Naahoom, ilma Asiiliim,
ilma Naagee, 26 ilma Maaʼat,
ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi,
ilma Yoosef, ilma Yoodaa,
27 ilma Yoonaan, ilma Resaa,
ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel,
ilma Neeri, 28 ilma Melkii,
ilma Hadii, ilma Qoosaam,
ilma Elmaadaam, ilma Eer,
29 ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer,
ilma Yoorim, ilma Maataat,
ilma Lewwii, 30 ilma Simiʼoon,
ilma Yihuudaa, ilma Yoosef,
ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
31 ilma Meeleyaa, ilma Mennaa,
ilma Maataataa, ilma Naataan,
ilma Daawit, 32 ilma Isseey,
ilma Yoobeed, ilma Boʼeez,
ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
33 ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam,
ilma Hezroon, ilma Faares,
ilma Yihuudaa, 34 ilma Yaaqoob,
ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam,
ilma Taaraa, ilma Naahoor,
35 ilma Seruug, ilma Reʼuu,
ilma Feleg, ilma Eeber,
ilma Saalaa, 36 ilma Qaayinaam
ilma Arfaaksaad, ilma Seem,
ilma Nohi, ilma Laamehi,
37 ilma Matuuselaa, ilma Henook,
ilma Yaared, ilma Mahalaleel,
ilma Keenaan, 38 ilma Enoos,
ilma Seeti, ilma Addaam,
ilma Waaqaa.

*3:6 3:6 Isa 40:3‑5

3:15 3:15 yookaan Masiihicha