Waaqayyo nu wajjin jira
Faarfannaa 46
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.
1 Waaqni daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee
tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee
tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu
kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf
gammachuu kennu tokko jira.
gammachuu kennu tokko jira.
5 Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;
ganama barii Waaqni ishee gargaara.
6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;
inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
7 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;
Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
8 Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa;
badiisa inni lafa irratti fides argaa.
9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;
iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;
gaachanas ibiddaan guba.
10 “Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa;
ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;
lafa irrattis ol ol nan jedha.”
11 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;
Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.