Faarfannaa Faasiikaaf Dhiʼeeffamu
Faarfannaa 114
1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis
saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
2 Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa,
Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
3 Galaanni argee baqate;
Yordaanosis duubatti deebiʼe;
4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa,
gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte?
Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa,
yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti,
fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
8 inni kattaa gara harootti,
kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.