2
Akeekkachiisa
Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna. Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii, yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame. Waaqni mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera.
Yesuus Guutummaatti Nama Taasifame
Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana ergamoota jala hin galchine. Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera;
“Akka ati isaaf yaadduuf namni maali?
Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote;
ulfinaa fi kabajaan isa gonfite;
hojii harka keetii irrattis isa muudde.
Waan hundas miilla isaa jala galchite.”* 2:8 Far 8:4‑6
Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu. Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina.
10 Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture. 11 Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Yesuus obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu. 12 Inni,
“Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;
waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha” 2:12 Far 22:22
jedha. 13 Akkasumas,
“Ani isa nan amanadha” 2:13 Isa 8:17
jedha. Ammas inni,
“Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti”§ 2:13 Isa 8:18
jedha.
14 Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; 15 innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe. 16 Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti. 17 Kanaafuu inni Waaqa tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture. 18 Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.

*2:8 2:8 Far 8:4‑6

2:12 2:12 Far 22:22

2:13 2:13 Isa 8:17

§2:13 2:13 Isa 8:18