21
Raajii Baabiloniin Mormu
1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu:
Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,
weeraraan tokko gammoojjiidhaa,
biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:
gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.
Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!
Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
3 Kana irratti dugdi na cite;
akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;
ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;
waanan argeenis nan raafame.
4 Qalbiin koo ni raafame;
sodaan na hollachiise;
dimimmisni ani hawwe sun
sodaatti na jalaa geeddarame.
5 Isaan maaddii qopheessu;
afaa diriirsu;
ni nyaatu, ni dhugu!
Isin qondaaltonni kaʼaa;
gaachanas zayitii dibaa.
6 Gooftaan akkana naan jedha:
“Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;
innis waan argu haa himu.
7 Inni yommuu warra farda yaabbatan
kanneen lama lamaan yaaʼan,
warra harree yaabbatan
yookaan warra gaala yaabbatan argutti,
haa dammaqu;
guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye;
“Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan
qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;
halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
9 Kunoo, warri farda yaabbatan,
lama lamaan dhufaa jiru;
inni akkana jedhee deebise:
‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!
Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu
burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”
10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,
ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
Raajii Edoomiin mormu
11 Raajii Duumaan mormu:
Namni tokko Seeʼiirii na waamee,
“Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?
Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
12 Eegduun sunis,
“Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.
Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;
garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
Raajii Biyya Arabaatiin Mormu
13 Raajii biyya Arabaatiin mormu:
Isin imaltoonni Dedaan
kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
14 warra dheeboteef bishaan fidaa;
isin warri Teemaa keessa jiraattan,
baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
15 Isaan goraadee jalaa,
goraadee luqqifame jalaa,
xiyya aggaamame jalaa,
hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
16 Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. 17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.