10
Tiksee Gaarii fi Hoolota Isaa
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha. Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti. Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa. Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu. Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.” Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti. Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye. Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata. 10  Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
11  “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna. 12  Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas. 13  Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
14  “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku; 15  kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna. 16  Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa. 17  Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata. 18  Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
19 Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame. 20 Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
21 Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
Amantii Dhabuu Yihuudootaa
22 Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu* 10:22 Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Hanukkaajedhamee beekama – Jiʼi Hanukkaa Sadaasaa wajjin tokkuma. Ayyaanni kunis guyyaa itti Yihuudaa Maqaabiis (dhaloota Kiristoos dura bara 164 keessa) mana qulqullummaa kan namoonni Sooriyaa waggaa sadii xureessan sana haaromse yaadachuuf godhame. Ayyaanichis guyyaa digdamii shanaffaa jiʼa sanaa irraa jalqabee hamma guyyaa saddeetiitti ayyaaneffama ture. Yeroon kun Yihuudootaaf yeroo gammachuu guddaa ture. Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture; 23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture. 24 Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos 10:24 yookaan Masiihicha taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
25 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa. 26  Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan. 27  Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu. 28  Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. 29  Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu. 30  Anii fi Abbaan tokkuma.”
31 Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan. 32 Yesuusis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
33 Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
34 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’ 10:34 Far 82:6jedhamee barreeffameera mitii? 35  Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef, 36  sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu? 37  Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa. 38  Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.” 39 Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
40 Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture. 41 Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan. 42 Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan.

*10:22 10:22 Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Hanukkaajedhamee beekama – Jiʼi Hanukkaa Sadaasaa wajjin tokkuma. Ayyaanni kunis guyyaa itti Yihuudaa Maqaabiis (dhaloota Kiristoos dura bara 164 keessa) mana qulqullummaa kan namoonni Sooriyaa waggaa sadii xureessan sana haaromse yaadachuuf godhame. Ayyaanichis guyyaa digdamii shanaffaa jiʼa sanaa irraa jalqabee hamma guyyaa saddeetiitti ayyaaneffama ture. Yeroon kun Yihuudootaaf yeroo gammachuu guddaa ture.

10:24 10:24 yookaan Masiihicha

10:34 10:34 Far 82:6