27
1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate,
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,
3 hamma lubbuun na keessa jirtutti,
hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti,
4 afaan koo hammina hin dubbatu;
arrabni koos nama hin gowwoomsu.
5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu;
ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu;
bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.
7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo
akka nama jalʼaa haa taʼu!
8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti,
namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba?
9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti,
Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa?
10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa?
Yeroo hundas Waaqa waammataa?
11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa;
waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.
12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu;
yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?
13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode,
dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:
14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata;
sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.
15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala;
niitonni isaaniis hin booʼaniif.
16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee
uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,
17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata;
meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.
18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti;
akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.
19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu;
yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.
20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala;
bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.
21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata;
innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.
22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata;
bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.
23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa;
afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”