Iyyoob. 4. Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise: “Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa? Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu. Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta. Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta; Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii? “Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku? Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu. Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu. Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba. Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu. “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe. Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti, sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase. Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate. Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe: ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa? Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata; yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree? Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu. Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’