Iyyoob. 28. Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada. Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba. Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine. Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine. Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha. Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa. Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata? Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala. Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti? Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti. Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu. Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka; inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii. Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti, yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti, inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate. Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.