Faarfannaa. 16. Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi. Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha. Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada. Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu. Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa. Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba. Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha. Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu. Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata; ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.