Faarfannaa. 26. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera. Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori; jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa. Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu; ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu. Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa. Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa. Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha. Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin; warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin. Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi. Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.