Faarfannaa. 29. Faarfannaa Daawit. Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa. Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa. Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira; Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa. Sagaleen Waaqayyoo humna qaba; sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa. Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa; Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa. Inni Libaanoonin akka jabbiitti, Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa. Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa bakakkaatiin rukuta. Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa; Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa. Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira; bosonas qullaatti hambisa. Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya. Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa. Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.