Faarfannaa. 37. Faarfannaa Daawit. Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin. Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu. Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu; biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu. Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta. Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa. Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa. Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin. Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii. Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu. Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman. Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu. Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu; Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii. Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu. Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba. Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya; humni hamootaa ni cabaatii; Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba. Waaqayyo bara tolootaa ni beeka; dhaalli isaaniis bara baraan jiraata. Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; bara beelaa keessas ni quufu. Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu. Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu; warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu; warri inni abaaru garuu ni balleeffamu. Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada. Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii. Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine. Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu. Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; yoos ati bara baraan ni jiraatta. Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii; warra isaaf amanamanis hin gatu. Isaanis bara baraan ni eegamu; sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama. Qajeeltonni lafa ni dhaalu; bara baraanis ishee irra ni jiraatu. Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni isaas murtii qajeelaa labsa. Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; miilli isaas hin mucucaatu. Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; isaan ajjeesuus ni barbaadu; Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu. Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi. Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; atis badiisa hamootaa ni argita. Nama hamaa fi gara jabeessa, isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge. Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne. Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii. Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; galgalli nama hamaas hin tolu. Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa; inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti. Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas; harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.