Faarfannaa. 38. Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin. Xiyyooliin kee na waraananiiru; harki kees akka malee natti ulfaateera. Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera. Cubbuun koo na liqimseeraatii; akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera. Sababii gowwummaa kootiitiif, madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes. Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; guyyaa guutuus gaddaan oola. Dugdi koo na bobaʼa; dhagni koos fayyaa hin qabu. Ani laafeera; akka malees bututeera; garaan koo dhiphatee ani aadaan jira. Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu. Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; ifni ija kootiis badeera. Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu. Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; guyyaa guutuus hammina natti yaadu. Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii. Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera. Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha; yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita. Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan hin eeyyamin” jedheeraatii. Ani kufuu gaʼeeraatii; dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne. Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda. Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; warri sababii malee na jibbanis hedduu dha. Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii. Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin; yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin. Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, na gargaaruudhaaf ariifadhu!