Faarfannaa. 61. Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; kadhannaa koos dhaggeeffadhu. Yeroo garaan koo citetti, ani handaara lafaatii sin waammadha; ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi. Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha. Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa. Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta. Bara jireenya mootii, umurii isaa illee dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi. Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi. Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.