Faarfannaa. 63. Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba. Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale. Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti. Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha. Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata. Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada. Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha. Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba. Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu. Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu. Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.