Faarfannaa. 67. Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu; kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf. Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan. Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan. Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan. Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera. Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.