Faarfannaa. 82. Faarfannaa Asaaf. Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; “waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha: “Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu? Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa. Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa. “Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. Isaan dukkana keessa jiraatu; hundeen lafaa hundinuu ni raafame. “Anis, ‘Isin, “waaqota;” hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera. Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.” Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; sabni hundinuu kan keetiitii.