Faarfannaa. 86. Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni. Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. Ati Waaqa koo ti; garbicha kee kan si amanatu oolchi. Yaa Gooftaa na maari; ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii. Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii. Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; iyya waammata koos dhaggeeffadhu. Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii. Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru. Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu. Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; Waaqni suma qofa. Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni. Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa. Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne lubbuu koo galaafachuu barbaadu. Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu. Gara kootti deebiʼiitii na maari; jabina kee tajaajilaa keetii kenni; ilma garbittii keetiis oolchi. Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.