Faarfannaa. 95. Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa. Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu. Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha. Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti. Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume. Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa; inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan, akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa; abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan. Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen. Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.