Faarfannaa. 102. Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu. Yeroo ani dhiphadhetti, fuula kee na duraa hin dhoksin. Gurra kee gara kootti deebisi; yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni. Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira. Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera. Sababii ani guddisee aaduuf, lafeen koo gogaa kootti maxxaneera. Ani akka urunguu gammoojjii, akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe. Ani hirriba malee nan bula; akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera. Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu. Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; dhugaatii koottis imimmaan makadheera; kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii. Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera. Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba. Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; yeroon murteeffame sun gaʼeeraa. Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; biyyoo ishees ni mararfatu. Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju. Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii; ulfina isaatiinis ni mulʼata. Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu. Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf, wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu: “Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; samii irraas gara lafaa gad milʼate; kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.” Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti, galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama; kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa. Inni jabina koo karaatti hambise; umurii koos ni gabaabse. Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu. Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti. Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu. Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu. Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”