Faarfannaa. 113. Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa. Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu. Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu. Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol. Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu? Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu? Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa. Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.