Faarfannaa. 121. Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa? Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa. Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu; dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus. Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa; guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu. Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega; Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.