Faarfannaa. 124. Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti, yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan; lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture; bishaan hamaan nu fudhatee bada ture. Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu. Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane. Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.