Faarfannaa. 129. Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne. Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan. Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.” Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan. Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan; namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu. Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.