Faarfannaa. 132. Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu. Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege: “Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu. Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu; kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.” Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne: “Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa. ‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ” Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin. Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa; yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.” Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera: “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha. Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa. Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu. “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera. Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”