Faarfannaa. 142. Maaskiilii Daawit Ani gara Waaqayyotti nan iyya; sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha. Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa; dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha. Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu, situ karaa koo beeka. Namoonni daandii ani deemu irra, kiyyoo naa kaaʼaniiru. Gara mirga koo ilaali; argis; namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru; ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu; namni jireenya kootiif yaadus hin jiru. Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha; “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha. Ani abdii kutadheeraatii, kadhannaa koo naa dhagaʼi; warra na ariʼatan jalaa na baasi; isaan akka malee natti cimaniiruutii. Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf, lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi. Sababii ati waan gaarii naa gooteef, qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.