Faarfannaa. 145. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha. Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa. Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu. Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa. Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada. Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa. Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu. Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa. Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu. Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu; kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif. Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha. Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa. Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita. Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta. Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha. Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha. Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha. Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa. Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.