Faarfannaa. 147. Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha! Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba. Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha. Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama. Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu. Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata. Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa. Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha. Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna. Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu; Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada. Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu. Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa. Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa. Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata. Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa. Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa? Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu. Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera. Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.