Faarfannaa. 150. Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa. Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa. Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa; dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa. Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa. Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.