Fakkeenya. 4. Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa. Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa. Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti, inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii. Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin. Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii. Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu. Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; isa hammadhu; innis si kabajaatii. Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.” Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa. Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa. Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; yoo fiigdu illee ati hin gufattu. Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu. Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin. Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli. Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan. Isaan buddeena hamminaa nyaatu; daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu. Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti. Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekan. Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni. Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu; inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii. Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii. Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali. Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu. Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.