Fakkeenya. 18. Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma. Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada. Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa. Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha. Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti. Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama. Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti. Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa. Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti. Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola. Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa. Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha. Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa? Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada. Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa. Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata. Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha. Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti. Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta. Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu. Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata. Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.