Fakkeenya. 19. Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; miilli jarjarus karaa irraa jalʼata. Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; garaan isaa immoo Waaqayyotti aara. Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu. Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti. Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman. Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa. Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada. Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree? Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina. Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti. Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti. Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna. Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa. Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa. Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin. Namni dafee aaru adabamuu qaba; ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda. Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata. Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti. Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu. Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu! Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii. Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha. Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa. Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; afaan hamootaa immoo hammina liqimsa. Qoostotaaf adabbii, dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.