15
Yerusaalem Wayinii Faayidaa Hin qabne
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala? 3 Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu? 4 Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa? 5 Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree?
6 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha. 7 Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu. 8 Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”