16
Yerusaalem Niitii Ejjituu
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, hojii ishee jibbisiisaa sana Yerusaalemitti himi; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan Yerusaalemiin akkana jedha: Sanyii fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa ti; abbaan kee nama Amoor; haati kee immoo nama Heet. Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne yookaan akka qulqullooftuuf bishaaniin hin dhiqamne yookaan soogiddaan hin sukkuumamne yookaan huccuudhaan hin maramne. Namni tokko iyyuu ija gara laafinaatiin si hin ilaalle yookaan wantoota kanneen siif gochuuf garaa siif hin laafne. Qooda kanaa ati dirreetti gatamte; ati gaafa dhalatte tuffatamtee turteetii.
“ ‘Anis utuun achiin darbuu siʼii dhiiga kee keessa ciiftee dhidhiitattu sin arge; utuma ati achi dhiiga kee keessa ciiftuu ani, “Jiraadhu!” siinan jedhe. Akkuma biqiltuu dirreettis sin guddise. Atis guddattee jabaattee lula akka malee miidhagu taate. Ati qullaa fi harka duwwaa turte, guntuta baaftee rifeensi kees guddate.
“ ‘Ani yeroon deebiʼee achiin darbutti si ilaaleen akka ati jaalalaaf geesse sin arge; handaara wayyaa kootiis sirra buuseen qullummaa kee haguuge. Siif kakadhees si wajjin waadaa nan gale, jedha Waaqayyo Gooftaan; atis kan koo taate.
“ ‘Ergasii ani bishaaniin si dhiqee dhiiga sirraa miicee zayitii si dibe. 10 Ani uffata faayeffame sitti uffisee kophee gogaa irraa hojjetame illee sitti nan kaaʼe. Wayyaa miidhagaa quncee talbaa irraa hojjetame sitti uffisee uffata gatii guddaa immoo sirra buuse. 11 Ani faayaan si miidhagseera jechuunis irree keetti bitawoo, morma keetti immoo amartii siif godheera; 12 ani funyaan keetti qubeelaa, gurra keetti amartii, mataa keetti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼeera. 13 Atis akkasiin warqee fi meetiidhaan miidhagfamte; uffanni kees quncee talbaatii fi haarriidhaan faayeffamee hojjetamee ture; nyaanni kee daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii ejersaa ture. Ati akka malee bareeddee mootittii taʼuuf kaate. 14 Waaʼee bareedina keetiitiifis maqaan kee saboota gidduu tamsaʼe; surraan ani siif kenne bareedina kee kan hanqina hin qabne godheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 “ ‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef. 16 Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu. 17 Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte. 18 Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite. 19 Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
20 “ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee? 21 Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote. 22 Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.
23 “ ‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha Waaqayyo Gooftaan. Jalʼina kee kaan hunda irratti immoo, 24 ofii keetiif waltajjii qopheeffatte; oobdiiwwan uummataa hundatti galma waaqeffannaa ol dheeraa hojjette. 25 Fiixee daandii hundaatti gaarran sagadaa kee ol dhedheeroo ijaarratte; nama achiin darbu hundaaf dhagna kee dhiʼeessitee sagaagalummaa kee baayʼisuudhaan miidhagina kee busheessite. 26 Ati warra Gibxi, olloota kee kanneen dhagna guddaa qaban wajjin sagaagaltee sagaagalummaa kee kan hamma hin qabne sanaan dheekkamsaaf na kakaafte. 27 Kanaafuu ani harka koo sitti kaasee qooda kee sirraa nan hirʼise; ani intallan Filisxeemotaa warra diinota kee taʼan kanneen amala sagaagalummaa kee saalfatanitti dabarsee si kenneera. 28 Ati sababii dharraa hin baʼiniif warra Asoor wajjinis akkasuma sagaagalte; ati amma illee dharraa hin baane. 29 Ergasiis itti fuftee daldaltoota biyya Baabilon wajjin sagaagalte; garuu kanaan iyyuu dharraa hin baane.
30 “ ‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha Waaqayyo Gooftaan. 31 Ati yeroo fiixee daandii hundaatti waltajjii tolfattee oobdii uummataa hunda irratti iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroo ijaarrattetti, ati sababii gatii hin baasisiniif akka sagaagaltuu tokkoo hin turre.
32 “ ‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta! 33 Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf. 34 Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti.
35 “ ‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi! 36  Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef, 37 ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu. 38 Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa. 39 Ergasii ani harka michoota keetiitti dabarsee sin kenna; isaanis waltajjii kee ni diigu; iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroos ni barbadeessu. Isaan wayyaa kee sirraa baasanii faaya kee miidhagaa sana illee sirraa fudhatu; qullaa keetii fi harka duwwaas si hambisu. 40 Isaan jeeqxota sitti kakaasu; jarris dhagaadhaan si tuman; goraadeedhaanis si kukkutu. 41 Isaan manneen keessan ni gubu; fuula dubartoota hedduu durattis isin adaban. Ani sagaagaltummaa kee sin dhiisisa; siʼachis michoota keetiif gatii hin kaffaltu. 42 Yoos dheekkamsi koo sirraa qabbanaaʼa; hinaaffaan koos sirraa ni deebiʼa; ani nan calʼisa; siʼachis hin aaru.
43 “ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii?
44 “ ‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka. 45 Ati intala haadha kee kan dhirsaa fi ijoollee ishee balfite sanaa ti; ati obboleettii obboleettota kee kanneen dhirsoota isaaniitii fi ijoollee isaanii balfan sanaa ti. Haati kee nama Heeti, abbaan kee immoo nama Amoor turan. 46 Obboleettiin kee hangafni Samaariyaa ishee intallan ishee wajjin siin gama kaabaa jiraattu sanaa ti; obboleettiin kee quxisuun Sodoom ishee intallan ishee wajjin siin gama kibbaa jiraattuu ti. 47 Ati karaa isaanii duukaa buutee hojiiwwan isaanii jibbisiisoo sana hojjechuu qofa utuu hin taʼin karaa kee hundumaan daftee isaan caalaa amala badde. 48 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; obboleettiin kee Sodoomii fi intallan ishee iyyuu takkumaa waan atii fi intallan kee hojjettan kana hin hojjenne.
49 “ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre. 50 Isaan of tuultota turan; fuula koo duratti waan jibbisiisaa hojjetan. Kanaafuu ani akkuma isin argitan sana isaan nan balleesse. 51 Samaariyaan cubbuu ati hojjette sana walakkaa isaa illee hin hojjenne. Ati isaan caalaa waan jibbisiisaa hojjettee waanuma hojjette kana hundaan obboleettota kee qajeeltota fakkeessite. 52 Ati waan obboleettota keetiif falmii qopheessiteef qaanii kee baadhadhu. Sababii cubbuun kee cubbuu isaanii caalaa hamaa taʼeef isaan si caalaa qajeeltota fakkaatu. Kanaafuu qaanaʼiitii salphina kee baadhadhu; ati akka obboleettonni kee qajeeltota fakkaatan gooteertaatii.
53 “ ‘Taʼus ani hambaa Sodoomii fi kan intallan ishee, kan Samaariyaatii fi kan intallan ishee, kan kees kan isaanii wajjin nan deebisa; 54 kunis akka ati salphina kee baadhattee waan isaan jajjabeessuuf hojjette sana hundaan qaanoftuuf. 55 Obboleettonni kee Sodoomii fi intallan ishee, Samaariyaa fi intallan ishee akkuma duraan turanitti ni deebiʼu; atii fi intallan kees akkuma duraan turtanitti ni deebitu. 56 Ati bara of tuulaa turte sana keessa obboleettii kee Sodoomiin maqaa iyyuu hin dhoofne; 57 kunis utuu hamminni kee ifatti hin baʼin ture. Taʼus ati amma intallan Edoomiin, olloota ishee hundaa fi intallan Filisxeemotaa jechuunis warra naannoo kee jiraatan kanneen si tuffatan hundaan ni balfamta. 58 Ati gatii wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetteetii fi kan hojii kee jibbisiisaa sanaa ni argatta, jedha Waaqayyo.
59 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati kakuu cabsuudhaan walii galtee koo tuffatteef, ani akkuma siif malutti sin adaba. 60 Taʼus ani kakuun yeroo ijoollummaa keetiitti si wajjin gale sana nan yaadadha; kakuu bara baraan hin diigamnes si wajjin nan gala. 61 Ati gaafas yeroo obboleettota kee hangafaa fi quxisuu simattutti, karaa kee yaadattee ni qaanofta. Ani intallan taasisee isaan siifan kenna; garuu kun akka kakuu ani si wajjin gale sanaa miti. 62 Ani si wajjin kakuu nan gala; atis akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta. 63 Yeroo ani waan ati hojjette hunda siif dhiisutti, ati sababii salphina keetiitiif yaadattee ni qaanofta; lammatas afaan hin saaqattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”